Acts 21:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dhugeeffattooti Qiisaariyaa keessa jiranu gariin, nu woliin dhufanee, dhugeeffattoota qaraa keessaa tokko ka te'e, gara mana Minaasonii nama Qophiroosii akka turru nu geessane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari Yeso ka gari, ka Kaisaria jiru, nu woliini yae, mana nama Yeso toko ka Nasoni jed'ani, ka lafa Kipro, ka nu sila woliini teennu, geese.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii Yesus tokko ka Qiisaariyaa jiru nu waliin yaa'ee, mana nama Minaason jedhanii ka lafa Qophros, ka duraanuu nama Yesus ta'e tokko, akka nu fulaa isaa teennu nu geesse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoota Qisaariyaa jiraatan keessaa gariin ammo nu woliin dhufan. Isaanillee gara hulee bulluu gara mana darasicha Qophiroosii Minaasoon jedhamuu nuun deeman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasoota Qisaariyaa jiraatan keessaa gariin ammoo nu woliin dhufan. Isaanillee gara hulee bulluu gara mana darasicha Qophiroosii Minaasoon jedhamuu nuun deeman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Amanttoonni Qiisaariyaa turan tokko tokko, nu woliin ni dhufan, isaan'llee mana Minaasonii titti akka boqannuuf, gara mana isaa nu ni eemaran, naminni kun'llee durssee ka amane, nama biyya Qophrosii ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugeeffattooti Qiisaariyaa keessa jiranu gariin, nu woliin dhufanee, dhugeeffattoota qaraa keessaa tokko ka te'e, gara mana Minaasonii nama Qophiroosii akka turru nu geessane.