Acts 21:19 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos nageya isaan fuudheen duuba, waan Waaqi worra Yihudoota hin te'in oddu'utti karaa isaatiin godhe duudii, tokko tokkoon tarre'etti galchee itti hime.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba inni nagaya fuud'e, waan Waaqi jiddu gosa d'ibiti harka isatiini tolche hime.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Duuba innii nagaa fuudhee, waan Waaqii jidduu gosa isaatti hindhugeeffatin dhibiitti harka isatiin tolche hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga nagaya gaafateen maayii tajaajila Rabbi isaan jiddu'utti godhe worra Yihuudota hin taanetti tokko tokkoon hime.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nagaya haga gaafateen maayii tajaajila Rabbi isaani jiddu'utti godhe worra Yihuudota hin taanetti tokko tokkoon isaanitti hime.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos isaan maraa nagaya eega gaafateen duubatti karaa isaaniitiin, waan Waaqinni ummata Waaqa dhugaatitti hin amaninni jiddu'utti raawwate mara tokko tokkoon, isaaniif ni seenesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos nageya isaan fuudheen duuba, waan Waaqi worra Yihudoota hin te'in oddu'utti karaa isaatiin godhe duudii, tokko tokkoon tarre'etti galchee itti hime.