Acts 21:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa waan kana dhage'ane, isaan martinuu Waaqa leellifatane. Achiin duuba Phawuloosiin, “Ilaa obboleessa! Yihudooti kuma heddu'utti laakkowamanu akka dhugeeffatanee fi isaan duudiin seera Waaqaatiif hinaattolee akka te'ane hin dhaggita.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri waan kana d'ageennaani Aabbo guddise waan isaani jed'ani, Oboleesa, atini ya argite, aka Yahudiini kunki heddu ta d'ugefatte jirtu, ammalle ch'ufti guddo Seera jabeesiti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii waan kana dhageennaan Waaqaa guddisee, “Obbooleessa, atin akka Yihudiin kuma hedduu ta dhugeeffatte jirtu, ammallee akka cuftii guddoo seera jabeesituu ya argite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee hennaa dhagayan Rabbiin galatoonfatanii akkana isaan jedhan; «Obboleessa keenna! worri Yihuudota jiddu'utti amananiiran ka laakkobsa hin qabne meeqa akka ta'an arga'aartan; isaan maruu worra seeraaf hinaafan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee hennaa dhagayan Rabbiin galatoonfatanii akkana isaan jedhan; Obboleessa keenna, Yihuudota jiddu'utti amananiiran ka laakkofsa hin qabne, meeqa akka ta'an arga'aartaa isaan maruu worra seeraaf hinaafan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kana yeroo dhagayanitti marrinuu, Gooftaa ni galateeffatan, Phaawulosiin'llee akkana ni jedhaniin, «Yaa obboleessa! Amantoonni kuma baay'etti laakkayaman, Yihudota jidduu akka jiranii fi marri isaaniituu, Seeraaf hinaafttota akka ta'an ni beekitta,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa waan kana dhage'ane, isaan martinuu Waaqa leellifatane. Achiin duuba Phawuloosiin, «Ilaa obboleessa! Yihudooti kuma heddu'utti laakkowamanu akka dhugeeffatanee fi isaan duudiin seera Waaqaatiif hinaattolee akka te'ane hin dhaggita.