Acts 21:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan fuudhii dhaqiitii, isaan woliin aadaa dhugeeffanna'aatiin ifi qulleessi; mataa ifiille akka haadatanu, gatii isaan ittiin ifi qulleessanu kaffaliif. Akka kanaan wonni si irratti odeeffame duudiin dhara akka teetee fi atille nama Seera Muuse'eetiif ajajamu akka teete hin beekan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worra fuud'i, worra woliini ufi qulqulleesi, hori aadaa baasi, aka worri mata haadatu. Duuba nami ch'ufti aka wonti waan kanke d'agayani suni woma intahiini inarga, ammo aka atini aada gula deemte Seera Musa guuttu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra fuudhii, warra waliin ufi qulqulleessi, akka warrii mataa haadatu horii aadaa baasiif! Duuba namii cuftii akka wantii waan kankee dhagayan sun homaa hinta'in, ammoo akka atin aadaa gula deemtee seera Muusee guutu inarga.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rifeensa isaanii akka haadatan birrii kenniif; isaan maruu waan kee ka dhagayan duwwaa akka ta'e, atillee akkasuma nama seera eega'aa jiraatu akka taate hin beekan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Rifeensa isaanii akka haadatan birrii keenniif; isaan maruu waan kee ka dhagayan duwwaa akka ta'e atillee akkasuma nama seera eega'aa jiraatu akka taate hin beekan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan fudhadhuutii, isaan woliin ta'ii, mataa kee qulqulleessi, riffeenissa isaanii'llee akka haadatan, qarshii Mana Waaqeffanna'aatiif kennamu qarshii kenna'aa isaaniif kafali, kana yoo raawwatte wonitti sirratti odeeffame marrinuu, tasa ta'uu isaatii fi ati'llee ajajamaa seeraa ta'uu kee, marrinuu siif ni beeka.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan fuudhii dhaqiitii, isaan woliin aadaa dhugeeffanna'aatiin ifi qulleessi; mataa ifiille akka haadatanu, gatii isaan ittiin ifi qulleessanu kaffaliif. Akka kanaan wonni si irratti odeeffame duudiin dhara akka teetee fi atille nama Seera Muuse'eetiif ajajamu akka teete hin beekan.