Acts 21:25 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worra Yihudoota hin te'in keessaa worri dhugeeffate ammoo, sagalee waaqota dharaatiif dhikaatiisaan battootte, dhiigaa fi horii hudhamee du'e akka hin nyaanne, gaarayyeeffatiisa irralle'ee akka ifi eegattanu, ka jedhu xalayaa murtee teennaa barreessinee isaaniif ergineerra” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan gosa d'ibi ta d'ugefatte, nu ya tatabe worraa t'aamne, herega keenna gula, aka worri sagale waan harkaani boch'ani qalaniifi d'iigafi waan hud'ani ijeesaniifi algalooma lagatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra gosa dhibii ka dhugeeffattee, akka warrii foon horii waaqaa dharaa ka harkaan bocanii qalan, dhiigaa waan hudhanii ijjeesan tokkoollee waan babadaa ka dhiiraa fi nadheen karaa malee walin ta'an irraa ufii eegu, nu akka herrega keenna gula ergaa ya warraatti ergine” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra Yihuudii hin taane nyaata waaqolee tolfama'aaf ciincaa godhanii dhiyeessan, dhiigaa fi horii ufiin du'e akka hin nyaanne, akkasuma seebaru'uun battaayuu irraa akka uf eegan murteessinee isaanii barreessineerra.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra Yihuudii hin taane ka amanan ammoo waaqoolee tolfama'aa fi waan ciincayu dhiigaa fi horii ufiin du'e irraa, seebaruu irraallee lubbuu isaanii akka deebisan uf eegan murteessinee isaanii barreessineerra.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara ummata Waaqa dhugaa titti hin amanneetii ka amanan garuu, ‹waayee Waaqa harkaan hojjatameetii qalamu'uutiin nyaata battaaye hin nyaatnaa! dhiiga'llee hin nyaatnaa! foon horii hudhamee du'e'llee hin nyaatnaa, sagaagala irraa fagaadhaa!› murttee jedhu xalayaan qabate, barreessinee isiniif erginee jirra.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worra Yihudoota hin te'in keessaa worri dhugeeffate ammoo, sagalee waaqota dharaatiif dhikaatiisaan battootte, dhiigaa fi horii hudhamee du'e akka hin nyaanne, gaarayyeeffatiisa irralle'ee akka ifi eegattanu, ka jedhu xalayaa murtee teennaa barreessinee isaaniif ergineerra» jedhane.