Acts 21:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre Phawuloos boruyyaa ganama namoota san fuudhee, isaan woliin aadaa dhugeeffanna'aatiin ifi qulqulleesse; achiin duuba guyyaan qulqulloomiisa isaanii yoom akka muummeffamuu fi tokko tokkoo isaaniitiifuu, ciincaan guyyaa kamitti akka dhikaatu beessisiisaaf gara Galma Waaqaa seene.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Pauloni jara kaani fuud'e, boriyya worra woliini ufi qulqulleese, aka guyya qulqullefachaani isaa hobaate sorio worra suni ch'ufaafi qalani himu Mana Waaqa seene.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Phaawulos boriyaa jara kaan fuudhee, warra waliin ufii qulqulleessee, akka guyyaa qulqulleffachaan isaa hobaatte sooriyoo warra sun cufaaf qalan himu mana Waaqaa seene.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Phaawuloos namoota qabatee deeme; bariisaa isaan woliin seera qulqullaayu'uu raawwate; achii seerri qulqullaayu'uu yoom akka raawwatuu fi ciincaan isaan maraatuu yoom akka dhiyaatu beessisu'uuf gara mana woyyu'uu seene.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san Phaawuloos namoota qabatee bariisaa isaan woliin qulqullaaya'aa guyyaa qulqullinna raawwatan beessisu'uuf gara mana qulqullinnaa seene. Guyyaa san waan isaan maraatiif ciincaa dhiyeessan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Phaawulos namoota fudhateeti, guyyaa itti aanutti isaan woliin mataa isaa ni qulqulleesse, isaan woliin qaama isaa'llee ni qulqulleesse, guyyoonni itti qulqulleesse yoom akka ta'aniif, waayee tokkoo tokkoo isaanii'llee qarshiin kennaa ka kafalamu, yeroon itti kafalamu yoom akka ta'u, beekisisuuf gara Mana Sagadaa ni aseene.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Phawuloos boruyyaa ganama namoota san fuudhee, isaan woliin aadaa dhugeeffanna'aatiin ifi qulqulleesse; achiin duuba guyyaan qulqulloomiisa isaanii yoom akka muummeffamuu fi tokko tokkoo isaaniitiifuu, ciincaan guyyaa kamitti akka dhikaatu beessisiisaaf gara Galma Waaqaa seene.