Acts 21:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaan torba muummowuu geennaan, Yihudooti gariin ka lafa Asiya'aatii dhufane, Phawuloos Galma Waaqaa keessatti yennaa dhaggane, gumii duudii itti kakkaasanee, isa qabanee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato torbaani diquma inhobaiini, Yahudiini Asia Mana Waaqa keesati isa argite, jennaani gumi ch'ufa iti kaafte Paulo qabde waan jette,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaan torbaanii hobba'uu geennaan, Yihudiin Asiyaa dhufte mana Waaqaa keessatti isa argitee jennaan, gumii cufa itti kaaftee Phaawulo qabde.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa guyyaan torbaa raawwatamu'uuf dhiyaatu, Yihuudonni Isiyaa irraa dhufan waan Phaawuloosiin mana woyyuu keessatti arganiif banii maraa itti kakkaasanii qabsiisan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaan torba hennaa raawwatamu'uuf dhiyaate, Yihuudonni Isiyaa irraa dhufan, mana woyyuu keessatti isa arganii banii maraa booressa'aa,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaan torbaa xumuramuuf yoo dhiyaatutti Yihudonni Asiyaa dhufan, Phaawulosiin Mana Waaqeffanna'aa titti isaan arguu isaaniitiin, ummata maraa kakaasanii ni qabaniin,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaan torba muummowuu geennaan, Yihudooti gariin ka lafa Asiya'aatii dhufane, Phawuloos Galma Waaqaa keessatti yennaa dhaggane, gumii duudii itti kakkaasanee, isa qabanee,