Acts 21:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Kolbaa Israa'elii, nu qarqaara'a! Nama keenna, Seera Muuse'eetii fi Galma kana irratt waan badduu dubbataa, addee mara dhaqaa nama duudii ka barsiisaaru nama kana. Ammumaayyuu worra Yihudoota hin te'in, gara Galma Waaqaa fidee, addee woyyittii tana batteesseera” jedhaa iyyane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'iiro, gosa Israeli, nu qarqaara! Namichi kunini sunuma, ka nama ch'ufa fulla ch'ufati barsiisu, aka gosafi Seerafi Mana Waaqaa kana tuffatani. Ammalle nama gosa Griki Mana Waaqa kanaani d'ufe, fulla qulqullo tana t'ureese.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jarii qoonqoo ol fudhatee, “Dhiiroo, gosa Israa'el, nu qarqaaraa! Namichii kunin, ka nama keenna cufa fulaa cufaatti, akka gosa Israa'el, seera Muuseetii fi mana Waaqaa kana tuffatan barsiisu, ammumaayyuu nama gosa Griikii mana Waaqaa kanaan dhufee, fulaa qulqulloo tana xureese” jedhanii itti iyyan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Namoota Israa'elii! nu gargaaraa'a! Namichi hulee gaye maratti banii keennaa fi seera keenna, akkasuma hulee tanallee akka jibban taasisa'aa namoota barsiisu kana. Namoota Giriikotaallee akkasuma gara mana woyyu'uu seensisee hulee woyyuu kana batteesseera» jedha'aa harkaan dhaya'aa iyya'aa tumaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Namoota Israa'elii, nu gargaaraa'a! Banii seeraaf hulee kanallee morma'aa, namni nama maraa hulee maratti barsiisu kana. Namoota Giriikotaallee akkasuma gara mana woyyu'uu seensisee hulee woyyuu kana batteesseera» jedha'aa harkaan dhaya'aa iyya'aa tumaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Yaa namoota Israa'eelii! Nu gargaaraa! Ummanni keennaa fi seerri keenna, bakka kana'llee arrabsa'aa ummata biyya mara jiru mara ka barsiisu nama kana, kun'llee hin gayu jedhee Ummata Waaqa duga'aa titti hin amanne gara Mana Waaqeffanna'aa aseensisu'uun, bakka Qulqulluu kana batteessee jira!» jedha'aa ni iyyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Kolbaa Israa'elii, nu qarqaara'a! Nama keenna, Seera Muuse'eetii fi Galma kana irratti waan badduu dubbataa, addee mara dhaqaa nama duudii ka barsiisaaru nama kana. Ammumaayyuu worra Yihudoota hin te'in, gara Galma Waaqaa fidee, addee woyyittii tana batteesseera» jedhaa iyyane.