Acts 21:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nuuti Qophiroos ifiin duratti dhagginee, bitaa keennaatti lakkinnee Sooriya'atti dabarree, gara Xiiroosii addee hoboloon guddittiin ba'aa itti buufattu dhandhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi Kipro argine, harka bitaati ufi lakimne Shamu d'anne, dira Tiro keesa seenne, waan hobolooni miha achiti buufachu feeteefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qophros ufi duraatti arginee, harka bitaatti ufi lakkimnee Sooriyaa dhandhee, dira Xiiroos fulaa hoboloon mi'a keessatti buufachuu feetuutti buufanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qophiroosiin bitaa keennatti dhiifnee gara Sooriya'aa deemne; achii gara Xiroosii geenne; markabni waan fe'aa achitti buusuuf darasoota achitti arginee guyyaa torbaa teenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Qophiroosiin bitaa keennatti dhiifnee gara Sooriya'aa deemne, achii gara Xiiroosii geenne; markabni fe'aa achitti waan buusuuf,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eddoolaa Qophrosii gara bitaa keennaa titti dhiifnnee, gara biyya Sooriyaa deeminneeti, gara iddoolaa Xiiroosii ni geenne, doonchi'llee achitti fe'aa isaa buufachuu ni qaba ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nuuti Qophiroos ifiin duratti dhagginee, bitaa keennatti lakkinnee Sooriya'atti dabarree, gara Xiiroosii addee hoboloon guddittiin ba'aa itti buufattu dhandhe.