Acts 21:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namooti isa ijjeesiisaaf adoo wodhaananuu, “Qachaan Yerusaalemii guutumatti raafameera” oduun jettu, ajajaa woraana Rooma'aa dhaqqadde.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato worri isa ijeesu fed'u, oduuni namicha gudda askarti geete, aka gohanti Yerusalemu ch'ufa keesa jirtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Warrii isa ijjeessu fedhuu, akka Yerusaalem cufa keessaa goohantii jirtuu, oduun Roomaatti namich guddaa warra waraanaa geette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa isaan ajjeesu'uuf barbaadan, oduun «Yerusaalem guddiftee boorofteerti» jedhu gara ajajaa loltuu kumaa gaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa isaan ajjeesu'uuf barbaadan, Yerusaalem guddiftee boorofteerti oduun jedhu gara nama loltuu kumaa ajajuu gaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni Phaawulosiin ajjeesuu yeroo barbaadanitti, «Magaalaan Yerusaalemii guutuun jeeqamttee jirtti» ergaan jedhu, ajajaa woraana Roomaatii ni gaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti isa ijjeesiisaaf adoo wodhaananuu, «Qachaan Yerusaalemii guutumatti raafameera» oduun jettu, ajajaa woraana Rooma'aa dhaqqadde.