Acts 21:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gumii san keessaa worri gariin waan tokko, kuun waan dhibii jedhane. Ajajaan kumaa hogaa kolba'aatiifuu, waan sirrii te'e beekiisa waan hin dandeenneef, akka loltooti gara addee quttuma loltootaa isa geessituuf ajaje.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumi keesa nami gari aka toko iye, ka gari aka d'ibi iye. Hubachu dad'amnaani, Fulla askartiini bultu geesa jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumii keessaa namii garii akka tokko iyyee, ka garii akka dhibii iyye. Hubachuu dadhamnaan, “Fulaa warrii waraanaa buluutti geessaa!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Baniin gariin akkanaa fi akkas jedhanii iyya'aa turan; hennaa woca isaaniitiin waan dhugaa ta'e beekuu dadhabe gara loltootaa akka gara gandaa isa fidan ajaje.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Baniin gariin akkanaa fi akkasi jedhanii iyya'aa turan; hennaa woca isaaniitiin waan dhugaa ta'e beeku dadhabe gara ganda loltootaa akka isa fidan ajaje.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ummanni'llee tokko tokko waan tokko yoo jedhan, kuunniin ammoo waan biraa ni jedhan ture, Ajajaan'llee iyyiinssa ummataa irraa ka ka'een, waan dhugaa ta'e beekuu waan dadhabeef, Phaawulosiin gara mooraa lolttoota, akka fudhataniin ni ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gumii san keessaa worri gariin waan tokko, kuun waan dhibii jedhane. Ajajaan kumaa hogaa kolba'aatiifuu, waan sirrii te'e beekiisa waan hin dandeenneef, akka loltooti gara addee quttuma loltootaa isa geessituuf ajaje.