Acts 21:38 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ati Gibxicha tanaan qara nageya booressee, namoota kuma afur ka lubbuu namaa ijjeessane fuudhee, gara goomole'ee geessee motii?” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini eennu kana? Namicha lafa Misiri, ka onana nama kaase shifta kunki afuri lafa alo geeseeniti?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Atin namicha lafa Giibxii, ka onanaa nama kakaasee shiftaa kuma afurii lafa aloo geesseenitii?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati nama Misirii ka kanaan dura worra lubbuu ajjeesan namoota kuma afurii akka shiftan gootee gammoojji'itti baafte» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ati kanaan dura worra lubbuu ajjeesan namoota kuma afurii shiftoota taasiftee gara gammoojji'ii ka baafte nama Misiriitii mii?» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa, amma yeroo dhiyoo jeeqama kaaseetii fi lubbuu ajjeefttota kuma afurii fudhatee gara gammoojji'ii ka dheesse namichi biyya Gibxii isi'ii mitii ree?» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati Gibxicha tanaan qara nageya booressee, namoota kuma afur ka lubbuu namaa ijjeesane fuudhee, gara goomole'ee geessee motii?» jedheen.