Acts 21:39 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos deebisee, “Ani Yihudicha, qachaa Xarseesii beekkantuu biyya Qiliiqiya'aa keessatitti dhaladhe; magane'ee kolba'atti dubbadhuu?” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Pauloni waan isaani jed'e, Anini Yahudi, nama dira Tarsoti, ka lafa Kilikia keesa jiru; ammalle diri keenna gudda. Anini sii kad'ad'a aka anini biyya tanati dubbad'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawulos ammooo deebisee, “Anin Yihudii, nama dira Xarsees, ka lafa Qiliiqiyaa keessa jiru; ammallee anin nama dira guddaa tokkootti; abboo anin akka biyya tanaatti dubbadhu si kadhadha” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos ammo, «Ani nama Yihuudi'ii ka qachaa beekkamtuu Xeersiis jedhamtu ta Kiliqiiyaa keessa jirtuuti; akka bani'itti dubbadhu na hoffolchi» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloos ammoo, «Ani Yihuudii nama Kiliqiiya'aa ka Xeeriseesiiti, nama qachaa beekkamtu keessa jiraatu; ummatatti akka dubbadhu akka na hoffolchitu» si kadhadha jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos'llee, «Ani Kiliiqiya'atti ta argamttu beekkamittuu ka taate magaalaa Xerseesii titti ka dhaladhe Yihudicha, yabo'oo ummatatti akka dubadhuuf naa eeyyam» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos deebisee, «Ani Yihudicha, qachaa Xarseesii beekkantuu biyya Qiliiqiya'aa keessatti dhaladhe; maganne'ee kolba'atti dubbadhuu?» jedheen.