Acts 21:40 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa ajajaan woraana Rooma'aa eeyyameef, Phawuloos yaabannoo irra dhaabbatee, akka kolbaan cadhittu harkaan beessise; yennaa kolbaan cadhitte, afaan worra Yihudootaatiin isaanitti dubbatuu jalqabe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ee jennaani, Pauloni afaani balbala eje harkaani biyya ch'allisiise. Worri ch'allimnaani, inni afaani Ebraniatiini worrati dubbate waan jed'eeni:
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii, “Dubbadhu” jennaaniin, Phaawulos afaan balbalaa ejee, harkaan biyya callisiisee, warrii callimnaan, afaan Ibraayisxiitiin warraatti dubbatee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos haga ajajaan loltootaa eeyyameef gooba irra dhaabatanii dubbatan irra dhaabatee, harkaan gara bani'ii akeekee, haga baniin cadhise afaan Ibraayisxiitiin akkana jedhee dubbate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa inni hoffolcheen Phaawuloos gooba irra dhaabatanii dubbatan irra dhaabatee, harkaan gara ummataa akeekee, haga ummanni cadhise afaan Ibiraayisxiitiin akkana jedhee dubbate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akka dubbatuuf'llee yeroo eeyyameefitti, sadarkkaa irra dhaabatee ummanni akka caldhisuuf, harkaan itti ni akeekee, yeroo ummanni caldhisetti'llee afaan worra Ibirootaatiin, akkana jechuun dubbachuu jala ni qabe,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa ajajaan woraana Rooma'aa eeyyameef, Phawuloos yaabbannoo irra dhaabbatee, akka kolbaan cadhittu harkaan beessise; yennaa kolbaan cadhitte, afaan worra Yihudootaatiin isaanitti dubbatuu jalqabe.