Acts 21:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaan nuuti isaan biraa deennu geennaan, isaan biraa kaanee deenne. Isaan duudiin haadha manaatii fi ijoollee ifii woliin haga qachaa keessaa baanutti nu geegessane. Nuuti duudiille irga abbaayaa gudditti'iititti jilbiiffannee daadimanne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyyaani hobaanaani kaane kara keenna qabanne. Nami ch'ufti ijoolle ufi woliini nu gegeese, haga nu dira keesa baanuti. Afaani galaanati jilbifanne Waaqa kad'anne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaan nu warra biraa yaanuu geennaan, warra biraa yaanee karaa keenna qabane; namii cuftii nadheenii isaaniitii ijoollee isaanii waliin haga nu dira keessaa baanuutti nu geegeesse. Jennaan nuun cuftii afaan galaanatti jilbiiffannee Waaqaa kadhanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaan achi turru dhumannaan baanee deemne; isaan maruu haadha manaatii fi ijoollee ufii woliin haga qacha'aa baanuuf nu geegessanii maddii galaanaatitti jilbiiffannee Rabbiin kadhanne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaan achi turru dhumannaan baane deemne. Isaan maruu haadha manaatii fi ijoollee ufii woliin haga qacha'aa baanuuf nuu geegessanii maddii galaanaatitti jilbiinfannee faateffanne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroon achitti turru yeroon yoo raawwatu isaan biraa fooyaminnee adeemissa keenna itti ni fufnne, marrinuu haadha worraa isaaniitiif ijoollee isaanii woliin ta'anii, haga baya magaalaa titti nu geegessan, garba ciisaa biratti jilbbiiffannee eega kadhanneen duubatti, nagaya wolitti dhaamnnee addaan ni deeminne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaan nuuti isaan biraa deennu geennaan, isaan biraa kaanee deenne. Isaan duudiin haadha manaatii fi ijoollee ifii woliin haga qachaa keessaa baanutti nu geegessane. Nuuti duudiille irga abbaaya'aa jilbiiffannee daadimanne.