Acts 21:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Xiiroosii kaanee, qachaa Phitolemeesii geennee, dhugeeffattoota nageya fuunee, guyyaa tokko isaan woliin oolle.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi nu Tiro kaane, Tolemai d'umne; duuba oboleyaani nagaya fuune, guyya toko worra woliini oolle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nu eegii Xiroosii kaane, Phitolemees, dhumnee, duuba obboleeyyan dhugeeffatte nagaa fuunee, guyyaa tokko warra waliin oolle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nullee deemsa galaana irraa fixannee Xiroosii gara Pitoolemaasii geenne. Obboleewwan nagaya gaafannee guyyaa tokko isaan bira oolle.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nullee deemsa galaana irraa fixannee, Xiiroosii gara Pitoolemaasii geenne. Obboleewwan nagaya gaafannee guyyaa tokko isaan bira oolle.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Xiiroos kaanee gara Phexelemaayis ni geenne, achitti'llee amantootaan woligeenee eega nagaya wol gaafanneen duubatti, isaan woliin guyyaa tokko ni dabarssine.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Xiiroosii kaanee, qachaa Phitolemeesii geennee, dhugeeffattoota nageya fuunee, guyyaa tokko isaan woliin oolle.