Acts 22:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Balaqqeettii ifaa irraa ka ka'e, ilti tiyya dhaggaa waan dadhaddeef, worri ana woliin jiru harka na qabee, gara qachaa Damasqo'oo na geesse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro ifsa sunitiifi anini lafa argu dad'abe; tanaafi waheli kiyya harka naa qabe dira na seensise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo ibsee sunitiif anin lafa arguu dadhamnaan, waahelii kiyyaa harka naa qabee dira Damaasqoo na seensise.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achitti sababaa ifnii guddisee itti ifeef arguu dhabnaan namoonni na woliin jiran harka kiyya qabanii na masakka'aa gara Damaasqo'oo gaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achitti sababaa ifnii guddisee itti ifeef arguu dhabnaan namoonni na woliin jiran harka kiyya qabanii na masakka'aa gara Damaasqo'oo gaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Calaqisuu ifaa irraa kan ka'een arguu waan dadhabeef, namoonni ana woliin turan harka qabanii ana eemaraa, gara Damaasqoo ana ni geessan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Balaqqeettii ifaa irraa ka ka'e, ilti tiyya dhaggaa waan dadhaddeef, worri na woliin jiru harka na qabee, gara qachaa Damaasqo'oo na geesse.