Acts 22:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Qachaa san keessa namichi Anaaniiyaas jedhamu tokko, ka Seera Muuse'ee eegatuu fi Yihudoota Damaasqoo jiranu duudii biralle'etti, ka ulfeeffame tokko jiraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi toko, ka Anania jed'ani, ka Seera Waaqa guutu, ka Yahudiini Damaski ch'ufti saade,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Namichii, seera Waaqaa guutu, ka Yihudii Damaasqoo jirtu cufa biraatti maqaa dansaa qabu, ka Ananiiyaas jedhan tokko achi jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achi namichi Hannaaniyaa jedhamu na gargaaru'uuf gara kiyya dhufe; inni nama seera sirri'itti eeguu fi Yihuudota achi jiraatan maraa biratti kabajjamaa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namicha Yihuudonni achi jiraatan maruu ragaa bayaniif akka seeraatittillee faateffachu'uun jabaate ka Hanaaniyaa jedhamutu jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Achi'llee nama Ananiiyaas jedhamu tokkotu jira ture, naminni kun'llee Yihudota Damaasqoo jiraatan mara birattuu ka galateeffame, Seera kabajaa fi nama hafuurayaa ture.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Qachaa san keessa namichi Anaaniiyaas jedhamu tokko, ka Seera Muuse'ee eegatuu fi Yihudoota Damaasqoo jiranu duudii biralle'etti, ka ulfeeffame tokko jiraayyu.