Acts 22:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba inni, ‘Waaqi abbootii teennaa, akka ati fedha isaa beettu, tajaajilaa isaa balchaa akka dhaggituu fi afaanuma isaatiin dubbatuun akka dhageettu, si filateera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan naani jed'e, Waaqi ababoota teenna ya si fohate, aka atini fed'i isaa baratte Nama d'uga suni argite qonqo afaani isaa iraa d'ageetu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Ananiiyaas, ‘Waaqii abaaboota teennaa, akka atin fedhii isaa baraattee, nama dhugaa sun argitee qoonqoo afaan isaa irraa dhageettuu, ya si foohate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni akkana naan jedhe, ‹Waaqa abbootaa akka fedha isaa beettuuf, akka qajeellummaa argituuf akka afaan isaatii dubbii dhageettuuf, durumaa si filateera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee akkana naan jedhe, ‹Waaqa abbootaa fedha isaa akka beettuuf qajeellummaa akka argituuf afaan isaatii dubbii akka dhageettuuf, durumaa si filateera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee akkana naan jedhe, Waaqinni abbootii teennaa fedhii isaa akka beekitu qulqullicha akka argituu fi qoonqqa isaa'llee akka dhageettuuf, durssee si filatee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni, ‹Waaqi abbootii teennaa, akka ati fedha isaa beettu, tajaajilaa isaa balchaa akka dhaggituu fi afaanuma isaatiin dubbatuun akka dhageettu, si filateera.