Acts 22:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni afaan Yihudootaatiin dubbatuun yennaa dhage'ane, irra caalaa cadhisane; achiin duuba Phawuloos:
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isa afaani Ebrania dubbatu d'ageennaani haga qarale ira ch'allisani. Duuba Pauloni waan jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isa afaan Ibraayisxii dubbatu dhageennaan haga qaraallee irra callisan. Duuba Phaawulos,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa inni afaan Ibraayisxiitiin dubbatu dhageennaan ka duraa caalaa cadhisan. Inni akkana jedhe,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Afaan Ibiraayisxiitiin hennaa inni dubbatu dhageennaan ka duraa caalaa cadhisan. Innillee akkana jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Afaan worra Ibirootaatiin yoo dubbatu yeroo dhagayanitti, waan duraanii caalatti ni caldhisan, Phaawulos'llee dubbii isaa itti fufuun, akkana ni jedhe,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni afaan Yihudootaatiin dubbatuun yennaa dhage'ane, irra caalaa cadhisane. Achiin duuba Phawuloos: