Acts 22:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ajajaan dhibbaa yennaa waan kana dhage'e, gara ajajaa woraana Rooma'aa deemee, “Maan godhiisatti jirta? Namichi kun nama Rooma'aa ti!” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guddaani askarti akasi d'ageennaani d'aqe gudda ufiti hime waan jed'e, Atini maani tolchu feeta? Namichi kunini gosa Rumiti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guddaan warra waraanaa tana dhageennaan, dhaqee guddaa ufiitti himee, “Atin maan tolchuu feeta? Namichii kunin gosa Roomaati!” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajaan loltuu dhibbaallee hennaa dhagaye gara ajajaa loltuu kumaa dhiyaatee, «Namni kun nama Rooma'aa waan ta'eef waan godha'aartu irraa uf eegi» jedhee itti hime.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ajajaan loltuu dhibbaallee hennaa dhagaye, gara ajajaa loltuu kumaa dhiyaatee, «Namni kun nama Rooma'aa waan ta'eef, waan godha'aartu irraa uf eegi» jedhee itti hime.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajaan dhibbaa'llee kana yeroo dhagayetti gara ajajaa woraanaa dhaqee, «Maal raawwachu'uuf? Naminni kun lammii worra Rooma'aatii bee!» ni jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajaan dhibbaa yennaa waan kana dhage'e, gara ajajaa woraana Rooma'aa deemee, «Maan godhiisatti jirta? Namichi kun nama Rooma'aa ti!» jedheen.