Acts 22:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf worri Phawuloos qorqoriisaaf qophaye sun, isa irraa deebi'e; ajajaan woraana Rooma'aalle, Phawuloos nama Rooma'aa akka te'ee fi wodaroo sibiilaatiin akka hiisiseeru yennaa hubate sodaate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani jari sila isa himsisu maro tokotu isa biraa yae. Guddaani askartileeni, aka Pauloni ka inni sibiilaani hid'e gosa Rumi d'ageennaani sodaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan warrii silaa isa himsiisu yoma tokkon isa biraa yaa'ee, guddaan warra waraanaalleen akka Phaawulos ka innii sibiilaan hidhe gosa Roomaa dhageennaan sodaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf worri isa qorachuu yaadan yoosuu isa irraa siiqan. Ajajaan loltuu kumaallee akkasuma hennaa akka inni nama Rooma'aa ta'e beeke waan hiisiseeniif hin sodaate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf worri isa qorachuu yaadan yoosuu isarraa siiqan. Ajajaan loltuu kumaallee akkasuma akka inni nama Rooma'aa ta'e hennaa beeke waan hiisiseeniif hin sodaate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf namoonni isa qorachuuf qophaayanii jiran sunniin, bakkumatti isa irraa ni fagaatan, ajajaan'llee nama lammii Roomaa ta'e tokko birbiraataan hidhuu isaa yeroo hubattetti, haalaan ni sodaate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf worri Phawuloos qorqoriisaaf qophowe sun, isa irraa deebi'e; ajajaan woraana Rooma'aalle, Phawuloos nama Rooma'aa akka te'ee fi wodaroo sibiilaatiin akka hiisiseeru yennaa hubate sodaate.