Acts 22:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Ani Yihudi'i; qachaa Xarseesii biyya Qiliiqiyaa keessaatitti dhaladhee, qachaa Yerusaalemiititti guddadhe. Ka ana barsiiselle Gamaali'el; ani Seera abbootii teennaa akka maltetti ka baradhee fi akkuma isin adhaa gootanu, anille Waaqaaf hinaafeeraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini Yahudi, dira Tarso keesati d'alad'e, ka Kilikia keesa jiru, ammo anini dira kana keesa Gamalieli jalati guddad'e. Aada Seera ababoota teenna ch'ufa akuma d'ugaa na barsiisani kara Waaqaa owise iti jabaad'e, akuma isani guyya kana tolchuuti jirtani kana.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Anin Yihudii, dira Xarsees ka Qiliiqiyaa keessa jiru keessatti dhaladhe, ammoo dira kana keessa Gamaali'el jalaatti guddadhe. Aadaa seera ababoota teennaa cufa akkuma dhugaa na barsiisan; akkuma isan guyyaa kana tolchuutti jirtan kana karaa Waaqaa oowisee itti jabaadhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Ani nama gosa Yihuudi'ii qachaa Xerseesii ta Kiliqiyaa keessatti argamtuuti; ka itti guddadhe ammo qachaa Yerusaalemii tanatti. Barsiisaan kiyya Gamaaliyaali; seera abbootaa midhaassee baradhee akkuma isin adha gootan kana, Rabbiin Ayyaana isaatiin isaa hojjachu'uuf hinaafa'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Ani nama gosa Yihuudi'ii qachaa Xarseesii ta Kiliqiyaa keessatti argamtuuti. Ka itti guddadhe ammo qachaa Yerusaalemii tanatti. Barsiisaan kiyyallee Gamaaliyaali; seera abbootaa midhaassee baradhee, akkuma isin adha gootan kana, Rabbiin Ayyaana isaatiin isaa hojjachu'uuf hinaafa'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ani Kiliiqiya'atti ka argamttu magaalaa Xerseesii titti Yihudicha dhaladhe, ka guddatee garuu magaalaa Yerusaalemii kanatti. Barsiisaan kiyya'llee Gamaalyaatiin ture, Aadaa abbootii kiyyaa'llee xumuree ka baradhee fi akkuma adha isin raawwattan kana, Waaqa'llee hinaaffaa hafuuraatiin ka tajaajilu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani Yihudi'i; qachaa Xarseesii biyya Qiliiqiyaa keessaatitti dhaladhee, qachaa Yerusaalemiititti guddadhe. Ka na barsiiselle Gamaali'el; ani Seera abbootii teennaa akka maltetti ka baradhee fi akkuma isin adhaa gootanu, anille Waaqaaf hinaafeeraayyu.