Acts 22:30 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Boruyya'aa, ajajaan woraana Rooma'aa, worri Yihudootaa maaf Phawuloos akka himate, sababa dhuga'aa beekisaaf barbaade; tanaaf moototi hayyootaatii fi miseensoti kora mura'aa duudiin akka wolitti qabamanu ajaje. Achiin duuba inni Phawuloos hiikee, isaan dura dhaabbachiise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guddaani askarti waan Yahudiini Paulo himateefi beekhu fed'e, tanaafi boriyya inni haada Paulo iraa hiikhe, jaarole koraa wolwoldeesise, Paulo fuud'e jiddu worra ejachiise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Boriyyaa guddaan warra waraanaa, waan Yihudiin Phaawulos himatteef beekuu fedhee, tanaaf haada Phaawulos irraa hiikee, akka qaallolee gugurdoo fi jaarroleen biyyaa cuftii koraa walti baatu ajajee, Phaawulos fuudhee warra dura dhabachiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaafa lamu'uu sababaa Yihuudonni himataniif maal akka ta'e dhugaa beekuu barbaadee hiikeenii bulchoota gadootaatii fi gumiin maruu akka wol gayan ajajee Phaawuloosiin gad buusee isaan afoo dhaabsise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gaafa lamu'uu sababaa Yihuudonni himataniif maal akka ta'e dhugaa beekuu barbaadee hiikeenii bulchoota gadootaatii fi gumiin maruu akka wol gayan ajajee, Phaawuloosiin gad buusee afoo isaanii dhaabsise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Barsiisaa ajajaan, Yihudonni Phaawulosiin ka ittiin himatan sababaan sirrii ta'e maal akka ta'e beeku'uuf ni barbaade, kanaaf itti gaafatamoota qeesotaatii fi misseensota yaa'ii'ii marrinuu, akka wolitti qabaman ni ajaje, Phaawulosiin'llee hidhaana isaatii hiikee fideeti, isaan duranatti ni dhiyeesseen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Boruyya'aa, ajajaan woraana Rooma'aa, worri Yihudootaa maaf Phawuloos akka himate, sababa dhuga'aa beekiisaaf barbaade; tanaaf sooreyyiin hayyootaatii fi miseensoti kora mura'aa duudiin akka wolitti qabamanu ajaje. Achiin duuba inni Phawuloos hiikee, isaan dura dhaabbachiise.