Acts 22:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tun dhugaa akka teete hayyicha gudda'aa fi korri mura'aa duudiin dhugaa anaaf hin bayan. Ani xalayaa eeyyamaa ka gara bulchitoota Yihudoota Damaasqoo jiranutti barreeffame isaanuma irraa fudhadhee, jara achi jirtu qabee adabiisaaf, Damaasqoo dhaqe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaallicha Guddafi jaaroleeni waan kanati naa d'uga. Anini tatabe worra ira argad'e, aka oboleyaani Yahudi ta Damaski jirtuti geesu; tanaafi anini achi d'aqe, aka nama Kara suni gula deemu hid'e Yerusalemutini d'ufu, aka achiti gaargalchani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qaallicha guddaa fi jaarroleen waan kanaatti naa dhugaa. Anin akka obboleeyyaan Yihudii ta Damaasqoo jirtuutti geessuu, ergaayyuu warruma irraa fudhaadhe; akka nama karaa sun gula deemu cufa qabee, akka achiitti gaargalchan Yerusaalemtiin dhufu.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma bulchaan gadootaatii fi manguddoonni maruu ragaa naa bayan. Isaan irraallee akkasuma dhaamsa obboleewwanii fuudhee worra Damaasqoo jiranillee akkasuma hidhamanii akka adabaman gara Yerusaalemii fidu'uuf deema'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma bulchaan gadootaatii fi manguddoonni maruu ragaa naa bayan. Isaan irraallee akkasuma dhaamsa obboleewwanii fuudhee worra Damaasqoo jiranillee akkasuma hidhamanii akka adabaman gara Yerusaalemii fidu'uuf deema'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun'llee dhugaa ta'uu isaa itti gaafatamaan qeesotaatii fi yaa'iin jaarsotii marrinuu naaf ragaa ni bayan. Gonkumaa Damaasqoo ka jiran namoota kanniin hidhee gara Yerusaalemii fidu'uu fi isaan adabsiisu'uuf, xalayaa ana danddeessisu gara worra isaanii ka argamanii xalayaa barreessan, ka fudhadhee isaan irraayyi.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tun dhugaa akka teete hayyicha gudda'aa fi korri mura'aa duudiin dhugaa naaf hin bayan. Ani xalayaa eeyyamaa ka gara bulchitoota Yihudoota Damaasqoo jiranutti barreeffame isaanuma irraa fudhadhee, jara achi jirtu qabee adabiisaaf, Damaasqoo dhaqe.