Acts 22:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Karaa gubbaa adoo jiruu Damaasqo'otti yennaa dhikaadhe, gara sa'aatii jaatitti dedhuma ifi guddaan gubbaa irraa adaala kiyyatti balaqqise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini Damaskiti d'iaannaani, guyya gudda, adu saa jaa, ifsaani toko nati ifse.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Adoo karaa deemuu anin Damaasqootti dhi'aannaan, guyyaa guddaa aduu saatii ja'aa, dingata ibseen tokko Waaqaa irraa natti ibsite.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Damaasqo'otti dhiyaadhe yoo guyyaa wodhakkaa ta'u dimmaa sami'ii ifti guddaan naannoo kiyyatti ife.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa Damaasqo'otti dhiyaadhe guyyaa wodhakkaa yoo ta'u, dimmaa sami'ii ifti guddaan naannoo kiyyatti ife.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ani gara Damaasqoo yoo deemuu fi gara magaalaa yoo dhiyaadhu, wolakkaa guyyaa irratti, dimmaa ifin ol aanaan samii, naannoo kiyyatti ni calaqise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Karaa gubbaa adoo jiruu Damaasqo'otti yennaa dhikaadhe, gara saatii jaatitti dedhuma ifi guddaan gubbaa irraa adaala kiyyatti balaqqise.