Acts 23:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos kora mura'aa hubatee ilaalee isaaniin, “Obboleeyyan tiyya! Ani haga guyyaa adhaatitti, wodanaa qullu'uun fuula Waaqaa duratti jiraadheera” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pauloni jaarole kora sonaani ilaale waan jed'e, Oboleyaani, anini qalbi tiyya keesati imbeekha, aka anini, wollaala male, Waaqa dura deeme haga arrale.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawulos jaarrolee koraa ila keessa laalee, “Obbooleeyyaan tiyya! Anin akka haga ardhaa wallaala mallee, fuula Waaqaa dura jiraadhee, qalbii tiyya keessatti inbeeka” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos yaa'ii murti'ii guuttatee laalee, «Obboleewwan tiyya! Ani haga guyyaa adhaa sammuu misha'aan Rabbiin afoo jiraata'aara» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloos yaa'ii murti'ii guuttatee laalee, «Obboleewwan tiyya! Ani haga guyyaa adhaa sammuu misha'aan Rabbiin afoo jiraata'aara» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos'llee yaa'ii guuttatee laaleeti, «Yaa obboleeyyan kiyya! Haga adhaa titti yeroo maraa Waaqa duranatti ka jiraadhe, sammuu misha'aan» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos kora mura'aa hubatee ilaalee isaaniin, «Obboleeyyan tiyya! Ani haga guyyaa adhaatitti, wodanaa qullu'uun fuula Waaqaa duratti jiraadheera» jedhe.