Acts 23:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Halkanuma san Waaqi Phawuloos bira dhaabbatee, “Hin sodaatin! Ati Yerusaalemitti akkuma dhugaa anaaf baate, akkasuma qachaa Rooma'aalle'etti dhugaa anaaf bawuu qadda” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Halkani lameeso Aabbooni isa bira ejate waan jed'e, Garaa jabaad'u, akuma Yerusalemu keesati na d'ugeesite suni, Rumile keesati na d'ugeesu malte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Halkan lameessoo Aabboon isa bira ejjee, “Garaa jabaadhu! Akkuma Yerusaalem keessatti naa dhugeesitee sun, Roomaallee keessatti naa dhugeessuu maltee” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Halkan lammeesso'oo Gooftaan maddii isaa dhaabatee, «Phaawuloosii kiyya! Yerusaalemitti waan kiyyaaf akka ragaa baate, akkasuma Rooma'attillee akka ragaa baatu hin barbaachisaa jabaadhu» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Halkan lammaffa'aa Gooftaan maddii isa dhaabatee, «Phaawuloosii kiyya, Yerusaalemitti waan kiyyaaf akka ragaa baate, akkasuma Rooma'aattillee ragaa akka baatu hin barbaachisaa jabaadhu» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyaa itti aanutti halkan Gooftaan Phaawulosiin bira dhaabatee, «Jabaadhu Yerusaalemtti akkuma ragaa naaf baatetti, akkuma kana Rooma'atti'llee raagaa naaf baayuun sirraa ni mala» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Halkanuma san Waaqi Phawuloos bira dhaabbatee, «Hin sodaatin! Ati Yerusaalemitti akkuma dhugaa naaf baate, akkasuma qachaa Rooma'aalle'etti dhugaa naaf bawuu qadda» jedhe.