Acts 23:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa latti bariite Yihudooti gariin wolitti qabamanee, “Haga Phawuloos ijjeenutti hin nyaannu, hin unnu” jedhanee kakatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Lafti bariinaani jari Yahudi toko wold'aqe, kakhu jabdu toko wolti kakhatani waan jed'ani, Haga Paulo ijeemnuti nyaane ind'unnu jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Laftii bariinaan warrii Yihudii tokko walti koraatee, “Haga Phaawulos ijjeemnuutti nyaannee hindhunnu” jedhee kakuu jabduu tokko walii kakaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga bari'e Yihuudonni wol gayan Phaawuloosiin haga ajjeesanitti akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa lafti bari'e, Yihuudonni Phaawuloosiin haga isa ajjeesanitti akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo laftti bariitetti'llee Yihudonni wolitti qabamaniiti, «Phaawulosiin uduu hin ajjeesin midhaan hin nyaannu, bishaan'llee hin dhuginnu» jedhanii wolii ni kakatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa latti bariite Yihudooti gariin wolitti qabamanee, «Haga Phawuloos ijjeennutti hin nyaannu, hin unnu» jedhanee kakatane.