Acts 23:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf akka waan kora mura'aa woliin wolii galtanee, marroo Phawuloosii caalchittanee qorqortanuu fakkeessa'aatii, akka Phawuloos gadi isinii fidanu, ajajaa woraana Rooma'aa gaafadha'a. Nuuti ammoo adoo inni as hin geyin, isa ijjeesiisaaf qophonneerra” jedhaneen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi isani, jaarole kora woliini, gudda askartiti hima, aka inni Paulo fuula keesa duraani d'ufu, aka waan dubbi ira mid'aafachu feetani. Ammo ato inni armaani imbaane, nu kurfo jirra, aka isa ijeemnu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf, isanii jaarrolee koraa, akka innii Phaaulos fuula keessan duraan dhufee waan dubbii akka dansaa irraa midhaaffatanii, walin guddaa warra waraanaatti himaa! Nu ammoo adoo innii armaan hinbaanee akka isa ijjeemnu kurfeeffannee eennaa” jedhaniin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu isin amma gumii woliin taatanii akka waan isa jabeessitanii qorattanii fakkaadha'aatii akka gara keessan gad buusu ajajaa loltuu kumaatitti iyyadhaa'a; nullee uduu hin dhiyaatin ajjeesu'uuf qophoofneerraa» isaaniin jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu isin amma gumii woliin tataniiti akka waan isa jabeessitanii qorattanii fakkadha'aatii akka gara keessan gad buusu ajajaa loltuu kumaatitti iyyadhaa'a. Nullee uduu hin dhiyaatin, ajjeesu'uuf qophoofneerra» isaaniin jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf isin yaa'ii woliin woliigalttanii, ciminnaan wonitti nuuf qorattan akka jiru fakkeessuun, isa akka isinii fidan ajajaa gaafadhaa, nu'llee achi uduu hin gayiniin duranatti, isa ajjeesuuf qophoofnnee jirra» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf akka waan kora mura'aa woliin wolii galtanee, marroo Phawuloosii caalchittanee qorqortanuu fakkeessa'aatii, akka Phawuloos gadi isinii fidanu, ajajaa woraana Rooma'aa gaafadha'a. Nuuti ammoo adoo inni as hin geyin, isa ijjeesiisaaf qophoonneerra» jedhaneen.