Acts 23:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ajajaan dhibbaa isa fuudhee, gara ajajaa woraana Rooma'aa geessee, “Phawuloosiin hidhameeru na waamee, dargaggeessi kun waan sitti himu waan qabuuf, gara keeti akka fiduuf na kadhate” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Askartichi isa fuud'e, gara gudda askarti isa geese waan jed'eeni, Pauloni, namichi hid'aansa keesa jiru kaani, na yaame, Kaima kana gara gudda kanketi geesi naani jed'e; inni dubbi jabdu ta siini jed'u qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii waraan kaan isa fuudhee, gara guddaa warra waraanaa geessee, “Phaawulos, namichii hidhaansa keessa jiru kaan, na yaamee, ‘Dargaggeessa kana gara guddaa ketii geessi’ naan jedhee; innii dubbii jabduu sitti himu qaba” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee fuudhe gara ajajaa loltuu kumaa geesse, «Mucaan kun waan sitti himu waan qabuuf Phaawuloosii hidhameerutuu waamee gara kee akka fidu na kadhatee natti kenne» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee fuudhe gara ajajaa loltuu kumaa geesse, «Mucaan kun waan sitti himu waan qabuuf Phaawuloosii hidhameerutuu waamee gara kee akka fidu na kadhatee natti kenne» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajaan dhibbaa'llee mucaa qabee gara ajajaa aseeneeti, «Phaawulosiin hidhamaan ana waamee, mucaan kun sitti waan himu waan qabuuf, gara kee akka dhiyeessuun ana kadhate» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajaan dhibbaa isa fuudhee, gara ajajaa woraana Rooma'aa geessee, «Phawuloosiin hidhameeru na waamee, dargaggeessi kun waan sitti himu waan qabuuf, gara keeti akka fiduuf na gaafate» jedhe.