Acts 23:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Anaaniyaan Hayyichi Guddaan, worri Phawuloos bira dhaabbateeru, akka afaan keessa isa dhowu ajaje.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qaallichi Guddaani, ka Anania jed'ani, worra isa bira ejaanjuuni, Afaani keesa d'aa jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan qaallichii guddaan, ka Ananiiyaas jedhan, warra Phaawulos bira ejaajjuun, “Afaan keessa dhaa!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hannaaniyaan bulchaa gadootaallee afaan keessa akka dhayan worra isa bira dhaabataniiran ajaje.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hannaaniyaan bulchaa gadootaallee afaan keessa akka dhayan worra isa bira dhaabataniiran ajaje.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti gaafatamaan qeesotaa Ananiiyaas garuu, Phaawulosiin afaan isaa akka dhayaniin, namoota Phaawulosiin bira dhaabatan ni ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Anaaniyaan Hayyichi Guddaan, worri Phawuloos bira dhaabbateeru, akka afaan keessa isa dhowu ajaje.