Acts 23:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ati ammoo waan isaan jedhanu hin dhage'in. Namooti afurtama caalanu, haga isa ijjeennutti hin nyaannu, hin unnu jedhanee kakatanee, riphanee isa eegiisatti jiran. Isaan amma murtee teeti qofa eegataaran” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo dubbi worra inch'aqasiini, nama haga afurtamati isa eegu jira. Worri ch'ufti ya kakhate, aka nyaatani ind'unne haga isa ijeesaniti. Kurfo jirani aka waan suni tolchani, ammo qonqo tante eegachu jirani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ati ammoo dubbii warraa hincaqasin. Nama afurtamaa irra jiruutti dhokaatee isa eeggachuu jira; warrii cuftii ya haga isa ijjeessanitti akka nyaatanii hindhunne kakatan; amma waan sun tolchuuf kurfeefataniitti qoonqoo tantee eegachuu jiraan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eegasuu ati maarre hin jedhin; haga isa ajjeesaniif akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakataniiranii; isaan keessaa namoonni afurtamaa olii dhara dhayanii, ammallee qophaayaanii deebii kee eeggata'aaran» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Eegasuu ati maarre hin jedhin; haga isa ajjeesaniif akka hin nyaannee fi akka hin dhunne wolii kakataaniiranii, isaan keessaa namoonni afurtamaa olii dhara dhayanii, ammallee qophaayaanii deebii kee eeggata'aaran» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu ati tole isaanii hin jedhin, isaa'llee uduu isa inni hin ajjeefamin midhaan hin nyaannu, bishaan'llee hin dhunnu jechuun ka wolii galan, namoonni afurtama caalan isa ajjeesuuf, riphanii jiran, amma isaan wonitti eegaa jiran, deebii kee qofa.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati ammoo waan isaan jedhanu hin dhage'in. Namooti afurtama caalanu, haga isa ijjeennutti hin nyaannu, hin unnu jedhanee kakatanee, riphanee isa eegiisatti jiran. Isaan amma murtee teeti qofa eegataaran» jedhe.