Acts 23:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ajajaan woraana Rooma'aa, “Waan anatti hinte kana nama tokkolle'etti hin himin” jedhee itti seeree, dargaggeessa gad lakkise.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guddaani askarti, Aka atini waan kana nati himte nama tokoleti inhimini, kaima kaaniini jed'e, ufi biraa deemsise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guddaan warra waraanaa, “Ati akka waan kana natti himte nama tokkol'eetti hinhimin” jedhee dargaggeessa kaan ufibiraa deemsise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajaan loltuu kumaa, «Waan kana natti himuu kee eennuttillee hin himin» jedhee itti seeree mucaa geegesse.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ajajaan loltuu kumaa, «Waan kana natti himuu kee eennutillee hin himin» jedhee itti seeree mucaa geegesse.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajaan'llee, «Waan kana natti himuu kee eennuuf'llee hin ibisin!» jedhee, mucaa ni geegesseen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajaan woraana Rooma'aa, «Waan natti hinte kana nama tokkolle'etti hin himin» jedhee itti seeree, dargaggeessa gad lakkise.