Acts 23:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos adoo hin edderamin irra tee'ee gara bulchaa Feeliksii akka dhaqu, geejjiba qopheessa'aaf” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fardoole Pauloni yaabatule kurfeesaafi, nagayaani harka jaallaba Felikiti kenna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fardoolee Phaawulos yaabatuullee qopheessaaf, nagaan harka jaallaba Feeliksiitti kenna!” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloosiin gara bulchaa biyyaa gara Filiksii nagayaan akka isa geessaniif farda yaabbisanillee akka qopheessan isaan ajaje.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloosiin gara bulchaa biyya gara Filiksii nagayaan akka isa geessaniif farda yaabbisanillee akka qopheessan isaan ajaje.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulosiif'llee fardda qopheessaatii, gara bulichaa biyyaa gara Feeliksii nagayaan akka gayu taasisa'aanii» ni jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos adoo hin edderamin irra tee'ee gara bulchaa Feeliksii akka dhaqu, geejjiba qopheessa'aaf» jedhe.