Acts 23:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudooti namicha kana qabanee, silaa ijjeesaaraniiyyu. Ani ammoo akka inni nama Rooma'aa te'e beekee, loltoota tiyya woliin dhaqee isa hambure.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yahudiini nama kana qabde diquma inijeesiini. Anini askarti woliini d'ufe isa baase, aka inni gosa Rumi d'ageennaani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ka Warrii Yihudii nama kana qabee diquma hinijeessin; anin akka innii gosa Roomaa dhageennaan, warra waraanaa waliin dhufee isa baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nama kana Yihuudonni qabanii ajjeesu'uuf hennaa yaadan akka nama Rooma'aa ta'e waan beekeef loltoota woliin dhaqqabee isa hambiseen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nama kana Yihuudonni qabanii isa ajjeesu'uuf hennaa yaadan loltoota woliin dhaqqabee isa hambiseen; akka nama Rooma'aa ta'e waan beekeef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nama kana Yihudonni qabanii ajjeesuuf ni ture, ani garuu lammii Roomaa ta'uu isaa waan beekeef lolttootaan woliin dhaqabee, lubbuu isaa baasee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti namicha kana qabanee, silaa ijjeesaaraniiyyu. Ani ammoo akka inni nama Rooma'aa te'e beekee, loltoota tiyya woliin dhaqee isa hambure.