Acts 23:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos deebisee, “Obboleeyyan tiyya, akka inni Hayyicha Guddaa te'e ani hin beenne. Barreeffam Woyyichi, ‘Bulchaa kolbaa teetii irratti hantuu hin dubbatin jedha” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pauloni waan jed'eeni, Oboleyaani tiyya, anini aka inni Qaallicha Gudda imbeekhu. T'aafiini waan jettu, Worra isani fidu waan hamtu injed'inaani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawulos ammoo deebisee, “Obboleeyyaan tiyya! Anin akka innii Qaallicha guddaa hinbeeku, ‘Warra isan fidu waan hamtuu hinjedhinaan!’ waan jedhaa la barreessan” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloosillee, «Obboleewwan tiyya! ‹Gadicha hayyicha akka ta'e waan hin beenneef bulchaa ummataa irratti waan hamaa hin dubbatin› jedhamee dubbii Rabbii keessatti barreeffameera» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloosillee, «Obboleewwan tiyya! Gadicha hayyicha akka ta'e waan hin benneef bulchaa ummataa irratti waan hamaa hin dubbatin jedhamee dubbii Rabbii keessatti barreeffameera» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos'llee, «Yaa obboleeyyan tiyya! Itti gaafatamaa qeesotaa ta'uu isaa hin beeku ture, sababaan'llee ‹itti gaafatamaa ummata keetii irratti waan jecha hamaa hin dubbatin› ka jedhu, barreeffamee ni jira» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos deebisee, «Obboleeyyan tiyya, akka inni Hayyicha Guddaa te'e ani hin beenne. Barreeffam Woyyichi, ‹Bulchaa kolbaa teetii irratti hantuu hin dubbatin› jedha» jedhe.