Acts 23:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos worra san keessaa gariin Saduqoota, ka dhibiin Fariisaayota akka te'ane yennaa beeke, kora mura'aa keessatti qoonqoo ol qabatee, “Obboleeyyan tiyya, ani Fariisaayii ilma Fariisaayichaa ti. Worri du'ane hin ka'an jedhee waan addadheef, ani amma muraa duratti dhikaadheera” jedhee dubbate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pauloni aka jari gari Sadukayo ammalle ka gari Farisayo arginaani, kora keesati qonqo olfud'ate waan jed'e, Oboleyaani, anini Farisayo, ammalle ilma Farisayooti. Wonti na qoraniifi maro anini kaisa nama due abdad'uufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawulos akka jarii garii Saduqoota ammallee ka garii Fariisotaa arginaan, kora keessatti qoonqoo olfudhatee, “Obbooleeyyaan, anin Fariisota, ammallee ilma Fariisotaa. Wantii na qoraniif marroo anin ka'iisa nama du'ee abdadhuuf” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloos ammo gariin isaanii Saduuqoota; gariin ammo Fariisota ta'uu isaanii waan beekeef, «Obboleewwan tiyya! ani nama Fariisii ilma Fariisichaati; waan abdii worra du'anii ka'aniitiif natti murteessan» jedhee yaa'ii murti'ii keessatti iyye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloos ammoo gariin isaanii Saduuqoota gariin ammoo Fariisota ta'uu isaanii waan beekeef, «Obboleewwan tiyya, ani nama Fariisii Ilma Farisichaati; waan abdii worra du'anii ka'aniitiif natti murteessan» jedhee yaa'ii murti'ii keessatti iyye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos namoota achi jiran keessaa wolakkaan isaanii Saduuqoota, wolakkaan ammoo Fariisoota ta'uu isaanii ni beekee, «Yaa obboleeyyan tiyya!, Ani Fariisoota irraa ka dhaladhe, Farsicha, kunoo amma murtii duratti ka dhiyaadhe abddii naa kennameetii fi waayee worroota du'aa ka'aniitiin» jechu'uun qooniqqa isaa ol fudhatee, yaa'ii jiddu'utti ni dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos worra san keessaa gariin Saduqoota, ka dhibiin Fariisaayota akka te'ane yennaa beeke, kora mura'aa keessatti qoonqoo ol qabatee, «Obboleeyyan tiyya! Ani Fariisaayii ilma Fariisaayichaa ti. Worri du'ane hin ka'an jedhee waan addadheef, ani amma muraa duratti dhikaadheera» jedhee dubbate.