Acts 23:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkuma inni waan kana jedheen, Fariisaayotaa fi Saaduqoota oddu'utti lolli ka'ee, korri mura'aa addee lamatti qoodame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni akana jennaani, jiddu Farisayootiifi ta Sadukayo moramaani d'ufte gumiini gargari qoodamte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii akkana jennaan, warra Fariisotaatii fi Saduqootaa jidduutti moroomaan kaatee gumiin gargarii qoodamte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa inni waan kana jedhe Fariisotaa fi Saduuqoota jiddu'utti lolli ka'e; yaa'iin murti'iillee adda fooyame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa inni waan kana jedhe, Fariisotaa fi Saduqoota jiddu'utti lolli ka'e yaa'iin murti'iillee adda fooyame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos yeroo kana dubbatetti Farisootaa Kristosiitiif Saduqootaa jiddu'utti wol dhabbiin ka'ee, yaa'iin bakka lamatti, ni qoodame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma inni waan kana jedheen, Fariisaayotaa fi Saduqoota oddu'utti lolli ka'ee, korri mura'aa addee lamatti qoodame.