Acts 23:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Saaduqooti, “Du'aa ka'iisi hin jiru, ergantooti Waaqaa yookiin ayyaanoti hin jiranu jedhan; Fariisaayoti ammoo, kun duudiin hin jiran jedhanee dhugeeffatan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sadukayoni, Kaisi nama due injiru jetti; ammalle malaikafi ekheraani injirtu jetti, ammo Farisayooni, wonti kuni sadeenu injirti jetti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Saduqootii, “Ka'iisii nama du'ee hinjiru; ammallee ergamtootaa fi ekeraalleen hinjirtu” jetti, Farisootii ammoo, “Wantii kun sadeenuu hinjirti” jetti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saduuqoonni, worra «Du'aa ka'iitiin, maleekkonni yookaan ayyaannillee hin jiru jedhan waan ta'aniif Fariisonni ammo lamaanuu hin amanan.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Saduqoon, «Du'aa ka'iitiin, maleekkonni yookiin ayyaanillee hin jiru worra jedhan waan ta'aniif, Fariisonni ammoo lamaanuu hin amanan.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Saduuqoonni, «Du'aa ka'iinssi hin jiru, maleyikkoonni'llee hin jiran, hafuurri'llee hin jiru» yoo jedhan, Farisoonni garuu, «Kunniin marrinuu ni jiran» jedhanii ni amanan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saduqooti, «Du'aa ka'iis hin jiru, ergantooti Waaqaa yookiin ayyaanoti hin jiranu» jedhan; Fariisaayoti ammoo, «Kun duudiin hin jiran» jedhanee dhugeeffatan.