Acts 23:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba hogaan guddaan ka'e; barsiisoti Seeraa ka golii Fariisaayotaa te'ane gariin ka'anee, “Nuuti yakkaa womaa nama kana irratti hin dhaggine! Takki ayyaanatti yookiin ergamaa Waaqaatitti itti dubbateera!” jedhaa moromane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guddo iyani, jari Seera beekhu ka gama Farisayo kae morme waan jed'e, Daba nama kana irati ingarre, hegeri d'uguma ekheraani yokhaani malaikaani isaani dubbatte jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guddoo iyyanii, jarii seera beeku ka gama Fariisotaa ka'ee mormee, “Nu nama kana irratti balleessaa hingarre, malaa dhuguma ekeraan yokaan ergamaan aabboo isaan dubbate” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa kana guddisanii iyyan; worri gosa Fariisotaa barreessitoonni Seera Muuse'ee ka'anii, «Nama kana irratti waan hamaa womaa hin argine! Ayyaanni yookaan maleekkaan itti dubbatee jiraatinnaa!» jedhanii wol morman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guddisanii iyyan; worri gossa Fariisotaa barreessitoonni Seera Muuse'ee ka'aanii, «Nama kana irratti waan hamaa womaa hin argine! Ayyaanni yookiin maleekkaan itti dubbatee jiraatinnaa!» jedhanii wol morman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo kanatti jeeqamnni ol aanaan ni ta'e, barsiisonni gara worra Fariisootaatii ta'an tokko tokko'llee ka'aniiti, «Nu nama kana irratti waan hamaa woyiituu hin arggane! Hafuurri yookiin maleyikkaan itti dubbatanii ta'a, nu maal beekinna?» jechuun ni mormmaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba hogaan guddaan ka'e; barsiisoti Seeraa ka golii Fariisaayotaa te'ane gariin ka'anee, «Nuuti yakkaa womaa nama kana irratti hin dhaggine! Takki ayyaanatti yookiin ergamaa Waaqaatitti itti dubbateera!» jedhaa moromane.