Acts 24:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Bulchaan biyyaa akka Phawuloos dubbatu harkaan beessise. Phawuloosille, “Akka ati woggaa heddu'uuf bulchaa kolbaa tanaa teete waan beekuuf, himata ana irratti dhikaateef, si duratti falmatuu kiyya gammadeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jaallabi harka Pauloti qabe, Dubbad'u, jed'eeni. Pauloni waan jed'e, Anini aka atini dubbi lafa tana ganna heddu qorte imbeekha, tanaafi anini ingammada, maro si durati ufii dubbad'uufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jaallabdichii harka Phaawulosiitti qabee, “Dubbadhu” jedheen. Phaawulos ammoo, “Akka atin ganna hedduu dubbii lafa tanaa qorte inbeeka, tanaaf fuula kankee duraatti ufii dubbachuuf hingammada.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchaan ijaan dhoofnaan Phaawuloos akkana jedhe, «Ati bara dheera'aaf banii kanaa ka murtii kennu akka taate waan beekuuf gammada'aa waan naan jedhan kanaa deebii deebifadha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa bulchaan ijaan dhaye, Phaawuloos akkana jedhe. «Ati bara dheera'aaf banii kanaa ka murtii kennu akka taate waan beekuuf gammada'aati waan naan jedhan kanaa deebii deeffadha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bulichaan biyyaa Feeliks harkaan itti akkeekee Phaawulos akka dubbattu ni eeyyameef, Phaawulos'llee akkana jechuun ni deebise, «Woggoota baay'eef bulichaa biyya kanaa ta'uu kee waan beekuuf, himannaa narratti dhiyaateef ittisaa kiyya si duranatti yoo dhiyeeffadhu, haalaan gammachuun natti dhagayamaati,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bulchaan biyyaa akka Phawuloos dubbatu harkaan beessise. Phawuloosille, «Akka ati woggaa heddu'uuf bulchaa kolbaa tanaa teete waan beekuuf, himata na irratti dhikaateef, si duratti falmatuu kiyya gammadeera.