Acts 24:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Galma Waaqaa keessatti, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessalle'etti yookiin qachaa keessatti eennuuyyuu woliin moromuun yookiin kolbaa raasuun ana dhagganee hin beekanu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yahudiini ana nama tokoleeni wo mormu inagarre yokhaani ana biyya wolti baasule ingarre, Mana Waaqa keesafi dira keesaleti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yihudiin anaa mana waldeennaa, Mana Waaqaatii fi dira keessaalleetti nama tokkoleen wa mormu yokaan anaa biyya walti baasuullee hingarre.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nama tokkollee yookaan ummata wolitti qabee mana woyyu'utitti, mana sagada Yihuudotaatii fi qacha'attillee na hin argine.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nama tokkollee yookiin ummata wolitti qabee, mana woyyu'uutitti, mana sagada Yihuudotaatii fi qacha'aattillee na hin argine.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mana Sagadaa titti ta'ee yookiin bakka wolgayii titti, yookiin magaalaa keessatti, eennuun woliin'llee yoo mormmu yookiin jeeqamaaf, yookiin ummata jeeqamaaf yoo kakaasu, isaan ana hin arganne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Galma Waaqaa keessatti, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessalle'etti yookiin qachaa keessatti eennuuyyuu woliin moromuun yookiin kolbaa raasuun na dhagganee hin beekanu.