Acts 24:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo waan tokko sitti himadha; ani karaa isaan, ‘Dhara’ jedhanu san hordofiisaan, Waaqa abbootii teennaa waaqonfadha. Te'uu malee waan Seera Muuse'eetii fi kitaaba raagotaa keessatti barreeffame duudii hin dhugeeffadha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan toko si durati fud'ad'a. Anini Waaqa ababoota teenna Kara worri d'ara jed'uuni gula kad'ad'a. Anini waan Seera Musatiifi kitaaba raagoota keesati t'aafani ch'ufa ind'ugefad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo waan tokko si duraatti fudhadha; anin Waaqaa ababoota teennaa karaa warrii, ‘Dhara’ jedhuun sun gula kadhadha. Anin waan seera Muuseetii fi kitaaba raagootaa keessatti barreessan cufa indhugeeffadha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo waan kana ragaa sii baya; waan seera keessa jiru ka raattotaan barreeffame maraa amanee ka isaan barumsa ‹Dogoggoraati› jedhanii waaman maqaa Waaqa abboota kiyyaa waaqeffatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo waan kana ragaa sii baya. Waan seera keessa jiru ka raattotaan barreeffame maraa amanee ka isaan barumsa ‹Dogoggoraati› jedhanii waaman maqaa Waaqa abboota kiyyaa kaddaama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu kana siif ibisuu ni jaaladha, isaan karaa haarawa ka jedhan kutaa amantiitiin, Waaqa abootii kiyyaa ni waaqeffadha, Seeraa fi kitaaba nabiyyootaa keessatti waan barreeffamee jiru maraa, ni amana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo waan tokko sitti himadha; ani karaa isaan, ‹Dhara› jedhanu san hordofiisaan, Waaqa abbootii teennaa waaqonfadha. Te'uu malee waan Seera Muuse'eetii fi kitaaba raagotaa keessatti barreeffame duudii hin dhugeeffadha.