Acts 24:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jila aadaa dhugeeffanna'aatiin qulquloomiisaa muummessee, woreega kiyya dhikeessiisatti jiruun ana Galma Waaqaa keessatti dhaggane. Nami hedduun ana woliin achi hin jiru; hogaalle hin kaane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anaa waan kana tolchu jiru Mana Waaqa keesati na argani, eegi anini aada qulqullefacha hobaafad'e. Gumiini na woliini injirtu, gohantileeni injirtu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yihudiin lafa Asiyaa keessaa dhufte tokko anaa aadaa qulqullummaa hobbaafadhe Mana Waaqaa keessatti na argite malee, goohantiilleen hinjirtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu kana godha'aa jiru, baniin uduu wol hin geenne, uduu hin shibbiroofne, mana woyyuu keessatti uduu qulqullaaya'aaru na argan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kana godha'aa uduu jiru, baniinillee uduu wol hin geenne, uduu hin shibbiroofne, mana woyyuu keessatti uduu qulqullaaya'aaru na argan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mana Sagadaa titti'llee ka ana argan kanuma uduu raawwadhu, yeroo sanitti'llee naamusa qulqullaayu'uu raawwadhee jira ture, ana woliin namoonni baay'een hin turre, jeeqama'llee hin muldhanne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jila aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulloomiisaa muummessee, woreega kiyya dhikeessiisatti jiruun ana Galma Waaqaa keessatti dhaggane. Nami hedduun na woliin achi hin jiru; hogaalle hin kaane.