Acts 24:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos waammamee yennaa dhufe, Xerxilos himata ifii jalqabee, “Kabajamaa Feeliksi! Nuuti karaa keetiin nageya guddaa dhagganneerra; bulchiinsa dansaa keetille'een, jijjiiram kolbaa teennaaf dhaggameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Paulo yaamani jennaani Tertuloni isa himate waan jed'e, Ee Feliki gudda, waan maro tantetiifi nagaya keesa teennuufi, ammalle maro qarqaarsa kanketitiifi huji dansa ta gosa tana tolchanifi,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Phaawulos yaamanii jennaan Xerxilos isa himachuu jalqabee, “Ee Feeliks guddaa, waan marroo tanteetiif nagaa guddaa dansaa keessa teennuuf, ammallee waan marroo qarqaarsa keetitiif hujii dansaa gosa tanaa tolchaniif,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa waamame Xarxaluus akkana jedhee isa himachuu jalqabe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa waamame Xarixaluus akkana jedhee isa himachuu jalqabe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos'llee waamamee yeroo dhufetti, Xerxilos akkana jechuun himannaa isaa jala ni qabe, «Yaa kabajamaa Feeliks! Karaa keetiin nagaya baay'ee argannee jirra, bulchliinssa kee mishaa'llee ummata keennaaf, fooyyayinna argannee jirra,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos waamamee yennaa dhufe, Xerxilos himata ifii jalqabee, «Kabajamaa Feeliksi! Nuuti karaa keetiin nageya guddaa dhagganneerra; bulchiinsa dansaa keetille'een, jijjiiram kolbaa teennaaf dhaggameera.