Acts 24:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Feeliksi ammoo karaa Gootta'aa akka dansaa waan beekeeruuf, “Ajajaaan woraana Rooma'aa Liisiyaas yenna dhufe, dubbii teessan isiniif hin mura” jedhee isaan ifi irraa geegesse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Felikini, ka waan kara kana aka dansa beekhu, kora baase dubbi teesani inilaala yo guddaani askarti ch'ufa ka Lisia jed'ani d'ufe jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Feelikos, ka waan Karaa kanaa akka dansaa beekuu, “Yo guddaan warra waraanaa ka Liisiiyaas jedhan dhufee, dubbii teessan kora baasee anin in laala” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Filiksi ammo dubbii isaanii sirri'itti waan beekeef hennaa ajajaan loltuu kumaa Luusiyoos gad dhufe dubbii teessanii murtee kenna jedhee haagana'aan tursiise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Filiksi ammoo karaa dubbii isaanii sirri'itti waan beekeef, ajajaan loltuu kumaa Luusiyoos hennaa gad dhufe dubbii teessan hin mura jedhee haagana'aan tursiise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Feeliks garuu waayee amantii Kristaanaa haalaan ni beeka waan tureef, «Ajajaan woraanaa Luusiyoos yeroo dhufetti, waayee dhimma keessan murtii ni kenna» jedhee, isaan ni geegesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Feeliksi ammoo karaa Gootta'aa akka dansaa waan beekeeruuf, «Ajajaan woraana Rooma'aa Liisiiyaas yennaa dhufe, dubbii teessan isiniif hin mura» jedhee isaan ifi irraa geegesse.