Acts 24:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba inni, ajajaa dhibbaa ka Phawuloos eeguun, “Itti furiitii Phawuloos eegi; worri isaalle waan isaaf barbaachisu fidee yennaa dhufu, irraa hin dhooggin” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Askarticha Paulo tissuuni, Aka dansa isa eegi ammo inhid'iini, aka jaalaani isaa waan inni fed'u kennituufi ind'owiini jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan nama guddaa waraanaa tokko ka Phaawulos eeguunii, “Akka dansaa eegii ammoo hinhidhin, akka jaallaan isaa waan innii fedhu kennituufiillee hindhowwin!” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa inni ajajaa loltuu dhibbaa ka Phaawuloosiin eeguun, «Eeddoo itti furi; worri firaallee hennaa waan isa barbaachisu fidaniif yookaan yoo gara isaa dhufan isa irraa hin dhooggin» jedhee ajaje.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayeesa, inni ajajaa loltuu dhibbaa ka Phaawuloosiin eeguun, «Eedoo itti furi, worri firaallee hennaa waan isa barbaachisu fidaniif yookiin yoo gara isaa dhufan isa irraa hin dhooggin» jedhee ajaje.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ajajaa dhibbaa ka Phaawulosiin ni eega tureen'llee, «Uduu haalaan'llee mirga isaa isa hin dhooginiin ufi eeggannaan eegiin, waahellan isaa'llee waan isaa barbaachisu mara qabanii yoo dhufan, jala hin dhoogin» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni, ajajaa dhibbaa ka Phawuloos eeguun, «Itti furiitii Phawuloos eegi; worri isaalle waan isaaf barbaachisu fidee yennaa dhufu, irraa hin dhooggin» jedhe.