Acts 24:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos marroo balchumma'aa, marroo ifi towatiisaatii fi marroo muraa dhufu'uu jirtuu yennaa dubbate, Feeliksi sodaatee, “Ammaaf hin geetti; yoo anatti tolte aninuu si waama” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Pauloni tae waan d'ugaatifi ka obsaatifi ka qorsuma hegeri d'uftu dubbatu, Felikini sodaate waan jed'e, amma beeni, yo isiini naa fuute si yaama.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Phaawulos taa'ee waan qajeelummaa, ka obsaatii fi ka murtii hegerii dhuftuu dubbatuu, Feeliks sodaatee, “Amma been, yo isiin naa fuute si yaamaa” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni uduu waan qulqullinnaa, waan mataa ufii tooyatu'uu, waan murtii dhufu'uuf jiruu dubbata'aaru Filiksi sodaatee, «Amma deemi; hennaa naa tole ergee si waamsisaa» jedhee deebise.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee waan qulqullinnaa, waan mataa ufii tooyatu'uu, waan murtii dhufu'uuf jiruu dubbata'aa uduu jiru, Filiksi sodaatee, «Amma deemi; hennaa naa tole ergee si waamsisaa» jedhee deebise.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos waayee qulqullaayomaatii fi waayee mataa ufii toowaachu'u, waayee murtii dhufu'uuf jiruu'llee yeroo dubbatetti, Feeliks sodaatee, «Amma deemi, yoo natti tole yeroo bira'aa si waamssisa» ni jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos marroo balchumma'aa, marroo ifi toowatiisaatii fi marroo muraa dhufu'uu jirtuu yennaa dubbate, Feeliksi sodaatee, «Ammaaf hin geetti; yoo natti tolte aninuu si waama» jedhe.