Acts 24:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Feeliksi Phawuloos irraa gubboo fudhatiisa waan barbaadeef, yennaa hedduu isa waansisaa haasesse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan Pauloni beeseni isa gumbeesu sehe. Tanaafi maro heddu isa yaame hasaeeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii waan Phaawulos beessee isaa kennu sehee, tanaaf marroo hedduu isa yaamee haasa'een.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Filiksi Phaawuloosiin irraa birrii fudhatee hennama san hiiku'uunii waan barbaadeef hennaa hedduu isa waamsisa'aa qaassa'aanii ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Filiksi Phaawuloosiin irraa birrii fudhatee, hennama san hiiku'uunii waan barbaadeef, hennaa hedduu isa waamsisa'aa qaassa'aanii ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Feeliks'llee Phaawulosiin irraa matta'aa fudhachuuf abddii ni taasisa ture, kanaaf yeroo baay'ee Phaawulosiin waamssisaa, ni dubbisaan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Feeliksi Phawuloos irraa gubboo fudhatiisa waan barbaadeef, yennaa hedduu isa waansisaa haasesse.